Fana: At a Speed of Life!

Anga’oonni gochaa malaammaltummaan shakkaman to’atamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Daayrektara olaanaa Tajaajila Nageenya Faayinaansii obbo Teewoodiroos Baqqalaa dabalatee anga’oonni gochaa malaammaltummaan shakkaman to’atamuu Koreen Farra Malaammaltummaa Biyyaalessaa ibse.

Korichi hojiisaa ifatti eegaluu ilaalchisee guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa laateera.

Ibsasaan, Daayrektara olaanaa Tajaajila Nageenya Faayinaansii obbo Teewoodiroos Baqqalaa dabalatee anga’oota gochaa malaammaltummaan shakkaman biroon to’atamuu eereera.

Namoonni kunneen itti gaafatamummaa itti laatame sirnaan ba’achuu dhabuun namoota dhuunfaafi dhaabbileerraa maallaqaafi qabeenya fudhataniiru jechuun to’annoo jala ooluu ibsameera.

Magaalaa Finfinneettis namoonni dhuunfaa ijoollee qonnaan bultootaa fi kaafamtoota misoomaa of fakkeessuun malaammaltummaa raawwatan adda baafamuu ibsameera.

Hawaasni malaammaltummaa saaxiluuf eeruu kennu cimsee akka itti fufu korichi gaafateera.

Adaanach Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.