Fana: At a Speed of Life!

Appilikeeshiniin caalbaasii dijitaalawaan “Akshin Itiyoophiyaa” jedhamu ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Appilikeeshiniin caalbaasii dijitaalawaan “Akshin Itiyoophiyaa” jedhamu hojii eegale.

Appilikeeshinichi dhaabbilee mootummaa, dhaabbilee dhuunfaa fi namoota dhuunfaa qabeenyaa caalbaasiin gurguruu fedhan karaa dijitaalawaan akka gaggeessan kan taasisu ta’uu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan “Akshin Itiyoophiyaa” Yooseef Ankuu dubbataniiru.

Obbo Yooseef akka jedhanitti, fayyadamtoonni bakka jiran ta’anii bilbila harkaan yookaan kompiwutaraan caalbaasii dorgomuu danda’u jedhan.

Appilikeeshinichi carraa dirree dijitaalaa mijataa jiruu fi guddina dinagdee biyyattiif akka gumaachu himaniiru.

Mootummaanis appilikeeshinichi hojiirra oolee bu’aa barbaadamu akka argamsiisuuf deeggarsa barbaachisaa akka taasisu Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Yishiruun Alamaayyoon dubbataniiru.

Bu’aaleen teeknooloojiiwwan akkanaas akka biyyaatti imala galma dijital itiyoophiyaa milkeessuu kan saffisiisu ta’uu ibsaniiru.

Appilikeeshinichi qorannoo fi qo’annoo waggoota sadii oliin kan kalaqame yoo ta’u, rakkoolee adeemsa qabeenya bituu fi gurguruu keessa jiru furuu fi sirna caalbaasii haqa qabeessa fi qaqqabamaa diriirsuuf kan xiyyeeffate ta’uun eerameera.

Barakat Takkaallinyitu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.