Fana: At a Speed of Life!

Argisiisa Duubaayirratti dhaabbileen Ityoophiyaa 5 ni hirmaatu

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Baatii Sadaasaa dhufu Argisiisa Teeknoolojii Idil Addunyaa Duubaayitti gaggeeffamurratti Dhaabbileen Gurgurtaa Bizinasii Ityoophiyaa shan kan hirmaatan ta’uu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknoolojii beeksise.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Huuriyaa Alii, dhaabbilee koonfiraansii idil addunyaa ‘GITeek’ Duubaayitti gaggeeffamuuf jirurratti hirmaatan waliin mari’ataniiru.

Aadde Huuriyaan, dhaabbileen kunneen kan hirmaatan ofii isaanii beeksisuu qofaa utuu hintaane, damichaan qabeenyaa hintuqamne Ityoophiyaan qabdu akka beeksisan hubatanii akka qophaa’an hubachiisaniiru.

Hojii bizinasii gurguruu, damee teeknoolojiitiin xiyyeeffannaa Dijitaal Ityoophiyaa 2025 ta’uu eeruun, qophii dhaabileen taasisaniif Ministeerri Innoovesshinii fi Teeknooloojii deeggarsa barbaachisaa akka taasisu dubbachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Koonfiraansichi waggootaa 41’f kan gaggeeffamee yoo ta’u, damee teeknooloojiin dhaabbileen magaalota ismaartii, nageenya saayibarii, Ikkoonoomentii odeeffannoo, fayyaa dijitaa fi teelekoomirratti bobba’an, daawwattoonni kumni 100, dureewwan teeknooloojii kuma 4 fi biyyoonni 170 kan hirmaataniidha jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.