Fana: At a Speed of Life!

Artiist Hacaaluu Hundeessaaf yaadannoon qophaa’e

Finfinnee, Adoolessa 6,2012(FBC)- Artiist Hacaaluu Hundeessaaf yaadannoon qophaa’e.

Sirni yaadannoo artiistichaa Hoteela Sharaatan magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Manni barnootaa kutaa bulchiinsa Aqaaqii; naannoo Galaanitti argamu sadarkaa 1ffaa fi 2ffaan, daandiin Haaylee Gaarmantii gara Jamoo geessu, riqaan naannoo Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee, paarkiin naannoo Hiiltanitti argamu maqaa Artiist Hacaaluu Hundeessatiin mogga’aniiru.

Maqaa isaatin siidaa dhaabuuf naannoo Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Naannon Oromiyaatis yaadannoo Artiist Hacaaluu Hundeessaaf sagantaa dhaabbii biqiltuu eegalchiisera.

Sagantaan kun kaleessa godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee Sandaafaa Bakkeetti Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa Oromiyaatin eegalchiifameera.

Sagantichaan guyyootii 5f biqiltuu miiliyoonni 50 ni dhaabamas jedhameera.

Ministirri Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI aadde Filsan Abdullaahiin Artiist Hacaaluu yaadachuuf hojiin waaraan egeretti cee’u murteessadha jedhan.

 

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.