Fana: At a Speed of Life!

Atileet Gudaaf Tsaggaayeen dorgommii fiigichaa maayila tokkoo Poolaanditti gaggeeffameen sa’aatii saffisaa 2ffaa galmeessifte

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015(FBC)- Atileet Gudaaf Tsaggaayeen dorgommii fiigichaa mana keessaa maayila tokkoo kaleessa galgala Poolaand magaalaa Tooranitti gaggeeffameen sa’aatii saffisaa 2ffaa galmeessifte.

Atileet Gudaaf dorgommicha daqiiqaa 4fi sekondii 16fi maayikiroo sekondii 16’n xumuruun Atileet Ganzabee Dibaabaatti aansuun sa’aatii saffisaa 2ffaa galmeessisuu dandeesseetti.

Bifuma walfakkaatuun dorgommii fiigicha mana keessaa Atileetiksii Waancaa Addunyaa Poolaand Oorlaan Koopparniikasi fiigicha mana keessaa dubartootaa meetira kuma 3’n atileetonni Ityoophiyaa 1ffaa-4ffaa ba’uun xumuraniiru.

Dorgommichaan Atileet Fireewayinii Hayiluu daqiiqaa 8fi sekondii 46fi maayikiroo sekondii 92’n 1ffaa yoo baatu, Atileet Ijjigaayahu Taayyee 2ffaa, Lamlam Hayiluu 3ffaa akkasumas Warqwuhaa Geetaachaw 4 bahuun xumuraniiru.

Dorgommii fiigicha mana keessaa dubaraa meetira kuma 1fi 500 Farsansaay Da Moondeeviilitti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa sadrkaa 1ffaa-4ffaa ba’uun injifataniiru.

Dorgimmichaan Ayyaal Daanyaachaw 1ffaa, Tigist Katamaa 2ffaa, Sinboo Alamaayyahu 3ffaafi Tigist Girmaa 4ffaa bahuun goolabaniiru.

Dorgommii fiigicha meetira 3000 dhiirotaan Alii Abdulmanaan daqiiqaa 7fi sekondii 50fi maayikiroo 48’n galuun dorgommicha yoo injifatu Abdiisaa Fayisaa 3ffaa ba’uun xumuruu ragaan Woorld Atileetiksiirraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.