Fana: At a Speed of Life!

Atileet Solomoon Baaraggaa dorgommii qaxxaamura biyyaa Ispeen Algooyiber injifate

Finfinnee, Mudde 30, 2015(FBC)- Atileet Solomoon Baaraggaa dorgommii qaxxaamura biyyaa kiiloomeetira 10 Ispeen Algooyibar Huwaan Mugeerzaattii gaggeeffame injifate.

Atileet Solomoon Figichicha Daqiiqaa 33 fi sekoondii 14’n xumuruun 1ffaa ba’eera.

Fageenyichaan dhalootaan Ityoophiyaa kan ta’ee fi Baahireeniif kan fiigu Atileet Birhaanuu Baalawu 2ffaan yoo xumuru, lammiin Ispeen Adeel Mekaal 3ffaa ta’uun xumuruu Athletics news gabaaseera.

Gama biraan dorgommii kiiloomeetira saddeetii dubartootaan lammiin Eertiraa Raaheel Daan’eel daqiiqaa 25 fi sekoondii 45’n galuun injifatteetti.

Dorgommii kanarratti Atileetiin Keeniyaa Eediinaa Jeebiitook 2ffaa, Atileet Wiinfareed Yaavi Baahireenirraa 3ffaan xumurteetti.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.