Fana: At a Speed of Life!

Atleetoonni Buleeyyiin biyyaaf oolmaa guddaa oolan badhaafaman

Finfinnee, Muddee 22, 2013 (FBC) – Waldaan Atleetoota Buleeyyii ayyaana Qillee sababeeffachun Atleetoota buleeyyii biyyaaf oolmaa jabaa oolan 100 har’a Istaadiyeemii Finfinneetti badhaaseera.

Tokkoon tokkoo isaaniif badhaasni birrii kuma sadi sadii laatameera.

Preezdaantiin Waldaa Atleetoota Buleeyyii Ityoophiyaa komaandar Geexee Waamiin kennicha laataniiru.

Kennichi yeroo murta’eef itti fufiinsa kan qabaatu yoo ta’u, hojiin waldeeggaruu fi walgargaarruu akka kanaa iddoo hundaatti aadeffamuu akka qabu Preezdaantiin waldichaa Komaandar Geezeen ibsaniiru.

Waldaan Atleetoota Buleeyyi kun bara Faranjootaa 2020tti miseensa Waldaa Afrikaa fi Addunyaa kan ta’e yoo ta’u, gara fuuladuraatti hojiin hedduun kan irraa eegamu ta’uu ibsameera.

Deeggarsi taasiifame gara fuuladuraatti dhaabbiin akka itti fufuuf hojjetamaa jiraachuus himameera.

Maallaqni kennaa kanaaf oole walakkaa Federeeshinii Atleetkisii Ityoophiyaa fi walakkaa ammoo obbo Abinatti Gabramasqal gumaacha taasisuu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.