Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Irreechaa sababa dhukkuba vaayrasii koronaatin akka durii miiliyoonan kabajuun hin danda’amu jedhame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Ayyaana Irreecha bara kanaa sababa dhukkuba vaayrasii koronaatin akka durii heddummaachuun, miiliyoonan kabajuun hin danda’amu jedhame.

Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo akkaataa ayyaanni Irreechaa itti kabajamu irratti bakka bu’oota hawaasa godina Gujii Lixaa waliin mari’ataniiru.

Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Harsadeetti Oromootaan kabajamu ilaalchisuun Abbaan Gadaa Gujii fi walitti qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo hawaasa godina Gujii Lixaa keessaa babahan waliin mari’ataniiru.

Akka Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti marii kanaan Abbaan Gadaa Jiloo Maandhoo Oromoon yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaa isaa cimsuu akka qabu dhaaman.

Ayyaanni Irreechaa bara kanaa sababa dhukkuba vaayrasii koronaatin akka durii kabajachuuf hin dandeenyu jedhan.

Ergaan Abbootii Gadaa Oromootiin Irreecha sababeeffachuun dabarsan ummanni Oromoo hojiirra oolchuu qabas jedhan.

Bulchaan godina Gujii Lixaa Obbo Tafarii Wondafraaw Oromoon Irreechi baranaa karaa nagaatin akka kabajamuuf namni hundi Abbootii Gadaa tumsuu qabu jedhan.

Namoonni marii kanarratti hirmaatan tokko tokkos Irreecha baranaa akkaataa Gamtaan Abbootii Gadaa dhaamen kabajanna jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.