Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Mawulidaa ilaalchisuun Manni Marechaa ergaa baga geessanii dabarse

Finfinnee, Fulbaana 27, 2015 (FBC) – Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa Ayyaana Mawulidaa boru kabajamuu ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Bakka Bu’aan Pireezidaantii Mana Marichaa Sheek Shu’aayib Hasan Ayyaana Mawulidaa 1497ffaa boru kabajamu ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, ayyaanichi kan nagaa, jaalalaa fi tokkummaa akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Hawaasni musiliimaa hundi ayyaana Mawulida wayita kabaju harka qalleeyyii yaadachuu, waan qabnu waliif qooduun ta’uu qaba jedhan.

Lalisee Tasfaayeetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.