Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa malee akka kabajamu qophiin taasifameera- poolisii

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Ayyaanni jala bultii fi Cuuphaan rakkoo nageenyaa malee akka kabajaman qophiin taasifamuu Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksise.
 
Itti aanaan koomiishinara ittisa yakkaa fi balaa tiraafikaa koomiishinichaa Zalaalam Mangisteen, jala bultii fi ayyaanni Cuphaa baranaa rakkoo nageenyaa malee akka kabajaman qophiin taasifamuu beeksisaniiru.
 
Ayyaanichi nagayaan akka kabajamu Koomiishinii Poolisii Oromiyaa fi Federaalaa waliin qindoominaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.
 
Koomiishinichi baatiiwwan 6 darbanitti daddabarsa meeshaa waraanaa fi maallaqa seeran alaa, koontiroobaandii, weerara lafaa fi yakka bu’uuraalee misoomaarratti raawwatamu adda baasuun ittisuu fi to’achuuf, shakkamtoota seeratti dhiyeessera jedhan.
 
Weerara lafaa ittisuuf hojii qindoominaa hojjetameen lafa kaaree meetira kuma 60 gara baankii lafaatti deebisuun, manneen seeran alaa kuma 10 diiguun seera kabachiisun danda’ameera.
 
Saamicha konkolaataa fi kan biroo waliin walqabatee baatii kana keessa yakkoonni 438 raawwatamanii, shakkamtoota 523 adda baasuun, 396 to’annaa jala oolchun danda’ameera.
 
127 ammoo to’annaa jala oolchuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
 
Fireehiywat Saffiiwtu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.