Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Faasikaa nagaan kabajamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksise

Finfinnee, Eebila 25, 2013 (FBC) – Ayyaanni Faasikaa nagaan kabajamuu Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Tumsa hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa isaanii ba’aataaniif komishiniichi galateeffateera.

Ayyaanichi nagaan kabajamuuf jiraattoonni magaalichaa qaamolee  nageenyaa cina dhaabbachuun tumsa barbaachisaa taasisuu komishinichi ibseera.

Nageenya maagalichaa kabachiisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaan hawaasni shooraa ba’aataa jiru cimsee akka itti fufuu Koomishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

Jala bultii ayyaanichaa fi guyyaa ayyaanaa  balaawwan tiraafikaa qaqqabaniin lubbuun namoota 2 darbuu ibsuun, yakka waliin walqabsiisee  yakkii akka kan hin raawwatamnee fi ayyaanichi nagaan kabajamuu ragaan komishinicharra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.