Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan Wiixata dhufu ni kabajama

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) –Ayyaanni Iid Alfaxiir waggaa 1443ffaan Wiixata dhufu Eebila 24, 2014 ni kabajama jedhame.

Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Waliigalaa Ityoophiyaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen Addeessi galgala kana waan hin muul’anneef ayyaanichi Iftaan kan kabajamu ta’uu ibseera.

Itti gaafatamaan Hariiroo Uummataa mana Marichaa Usmaan Addaam Ayyaannichi Wiixata dhufu kan kabajamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hordoftoonni amantichaa ayyaanicha wayita kabaju wal deeggaruu fi wal gargaaruun kabajuu akka qaban dhaamaniiru.

Yeroo kamiiyyuu caalaa tokkummaan, waliin jireenyii fi nageenyaaf dursa laachuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Habtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.