Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Masqalaa duudhaa amantaa bira darbee hambaa aadaa ummata Ityoophiyaati-Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Ayyaanni Masqalaa Duudhaa amantaa bira darbee hambaa aadaa ummataa Ityoophiyaati jedhan Pireezidantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa.

Dooktar Yiliqaal, ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin ayyaanni Masqalaa duudhaa aadaa ummata biyyattii kan baroota dheeraa lakkoofsise ta’uu kaasuun ayyaanichi duudhaa amantaa bira darbee hambaa aadaa ummata ityoophiyaatis jedhan.

Masqalli mallattoo abdii, ifaa fi injifannoo yoo ta’uu, daamaraan ammoo fakkeenya tokkummaa fi gamtaati ibsan.

Akka biyyattis rakkolee mudatan waloon qabsaa’uun injifachuu kan dandeenyu tokkummaan yoo dhaabbanee ta’uu hubachuu qabna jedhaniiru.

Ayyaanicha wayiita kabajnuu itti fufiinsaa ummataa fi biyyaaf Raayyaa Ittisa Biyyaa diinaa dura dhaabbachaa jiruuf, gaachanummaan gama hundaan akka cimu waamicha dhiyeessuun, hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.