Fana: At a Speed of Life!

Ayyaannichi bifa duudhaalee nageenyaa fi waliin jireenyaa eegeen akka kabajamu Yaa’iin Dhaabbilee amantaa waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Ayyaanoonni hundi bifa duudhaalee nageenyaa fi waliin jireenyaa eegeen akka kabajamu Yaa’iin Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa waamicha dhiyeessera.

Yaa’iin Dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa ayyaanoonni amantaalee yookaa hawaasummaa kamiiyyuu wayita kabajamu duudhaalee waliin jireenyaa fi nageenyaa bifa eegeen kabajamuu akka qabu gaafateera.

Hunda caalaa Amantaalee madda nageenya, wal kabajuu, wal gargaaruu, jaalalaa fi tumsaa ta’uu isaan hordoftoonnis kana hojiitti hiikaa turuu fi ammas hojiirra oolchaa jiraachuu yaa’ichi ibsa baaseen himeera.

Barsiifanni Amantaa kamiiyyuu jibba, lola,jeequmsaa fi waldhabdee kan balaaleffatu ta’uu ibseera.

Qaamoleen dhuunfaa amantaalee uwwisa taasiisuun jechoota jibbiinsaa tamsaasaa jiran barsiifata amantaa hundaa waliin kan wal faallessu ta’uu hubachuun gochaa kanarraa of qusachuu akka qaban hubachiiseera.

Ayyaanni amantaalee fi hawaasummaa hundi karaa duudhaa waliin jireenyaa fi tokkummaa Ityoophiyaa cimsuun kabajamuu akka qabu Yaa’iin dhaabbilee Amantaalee kun waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.