Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota da’eeffachuu karoorri shororkeessummaa raawwatamuuf ture fashaalaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2016 (FBC)- Aayyaanota amantaa fi aadaa dhiyeenya kabajaman akkasumas sagantaalee sadarkaa biyyaalessaa da’eeffachuun karooraa shororkeessummaa humnoota farra nageenyaa fashaleessuun akka danda’ame Walitti Qabaan Ajaja Qajeelchaa Waliigalaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa fi Daayrektarri Olaanaa Tajaajilaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xurunee ibsan.

Ayyaanotaa amantaa fi aadaa bara 2016 kabajaman akksumaas sagantaalee biyyaalessaa nagaan kabajamanii akka xumuramaniif kutaalee tajaajilichaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun gumaacha olaanaa taasianiif sagantaan beekkamtii fi galateeffannaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Obbo Tamageen Xurunaan akka ibsanitti jijjiirra bara haaraa hordofee lammiileen addabaabaayiitti ba’uun aayyoonota amantaa fi aadaa kabajuu akkasumaas sagantaaleen biyyaalessaa gaggeeffamuu kaasaniiru.

Sagantaalee kanneen gufachiisuuf gareen farra nagaa tattaaffii qindaa’aa taasisuu ibsaniiru.

Akkasumas leenjii hoggantootaa Paartii Badhaadhinaa gufachiisuuf ololli sobaa olaanaan gaggeeffamaa turuu akeekan.

Ta’us, shiraa gareewwan kanneenii fashaleessuuf miseensonnii fi hoggantoonnii Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo biyyaalessaa qaamolee nageenyaa mootummaa waliin odeeffannoowwan yeroo yeroon dhufan qindeessuu fi xiinxaluun, hojiin odeeffannoowwan faayidaarraa oolchuu gaggeeffamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan karoorri diinaa fashalaa’uu fi taateewwan amantaa, aadaa fi sagantaaleen garaagaraa nagaan akka kabajaman ta’uu himaniiru.

Naannoo Amaaraattii maqaa “Faannoon” gareen daldaluu fi fiinxaaleyyiin akkasumas Naannoo Oromiyaatti garee shororkeessaa Shaneen sagantaalee biyyaalessaa fi amantaa akkasumas aadaa jeequun hokkara uumuuf irraa deddeebiin tattaaffiin taasifamullee akka hinmilkoofne himaniiru.

Kanaanis qaamolee deeggarsaa walirraa hincinnee taasisan hundaa galateeffataniiru.

Yeroo ammaas hojiilee nageenyaa Naannoo Amaaraa boora’ee ture deebisuuf hojjetameen fooyya’iinsi olaanaan mul’achuu kaasaniiru.

Wayita labsiin yeroo ariifachiisaa Naannoo Amaarratti labsamus Naannoo Oromiyaa kan socho’u gareen shororkeessaa Shanees lammiilee nagaarratti gochaa gara jabeenyaa raawwachuuf yaalus Raayyaan Ittisa Biyyaa, qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannoo waliin ta’uun tarkaanfiin keessa deebii hinqabne irratti fudhatamuu ibsaniiru.

Bu’aan kun kan galmaa’es qindoominaa dhaabbilee nageenyaan ta’uun ibsaniiru.

Ummanni nageenya naannawa isaa gama eegsisuun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuun deeggarsaa argisiisaa jiru cimsee akka itti fufu dhaamuu ibsi tajaajilichi Faanaa Birodkaastiingi Koorporeetiif erge ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.