Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanota Hiikaa fi Id Alfaxiriif meeshaalee bu’uuraa hawaasaaf dhiyeessuuf qophiin taasifamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Ayyaanota Hiikaa fi Id Alfaxiriif meeshaalee bu’uuraa haala walitti hidhamiinsa gabaa eegeen gama waldaalee hojii gamtaan hawaasaaf dhiyeessuuf qophiin taasifamuu Ejensiin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Ayyaanota kanneeniif horii qalmaa fichisiisuuf walitti hidhamiinsi gabaa uumamaa jiraachuu Ejensichatti daayrektarri bittaa aadde Dabrituu La’alam ibsaniiru.

Guyyoota 6 booda horii qalmaa kan galchan ta’uu kaasaniiru.

Shaqaxaaleen bu’uuraa kanneen akka zayitaa, sukkaaraa fi kanneen biroon guyyoota 4 booda gama waldaalee hojii gamtaa 148 kan raabsaman ta’uu eeraniiru.

Waliin ga’iinsaa fi raabsaa meeshaalee bu’uuraa kanarratti rakkoon akka hin uumamneef hordoffiin kan taasifamu ta’uu kaasaniiru.

Hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Adam Nuurii gamasaaniin, raabsaan meeshaalee kanneen haala gaariin akka raawwatuuf hojiimaatni qindaa’aan kan barbaachisu ta’uu ibsaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.