Fana: At a Speed of Life!

Ayyanaan hanqinni dhiyeessii akka hinmudannee hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Ayyana jijjiramaa waggaa sababeeffachuun hanqinni oomishaalee qonnaa fi indaastirii akka hinmudanneef hojjetamaa jiraachuu Eejensiin Hojii Gamtaa Finfinnee beeksise.

Daayrektarri Dhimmoota Kominikeeshinii Eejensichaa Obbo Xilaahuun Geetaachoo akka ibsanitti, ayyaana jijjiirama bara haaraa 2015tti jiraattota magaalichaaf gatii madaalawaan oomishaalee qonnaa fi indaastirii, beeyladootaa fi bu’aalee beeylatootaa gama waldaalee shamattootaa magaalattiin akka dhiyaatuuf hojjetamaa jira.

Guyyoota ayyaanichaa dursanii jiran keessaas kutaalee magaalotaa 11’tti waldaalee hojii gamtaa shamattootaan kan dhiyaatan yoo ta’u, waldaleen hojii gamtaa shamattootaa 225 ta’an manneen foonii fi hawaasaaf gatii madaalawaan sangaa foonii dhiyeessuuf qophiin taasifameera jedhan.

Shunkurtii diimaa, Zayita, daakuu qamadii, daakuu boqqolloo, lukkuu, dhadhaa fi kanneen biroo akkasumas, oomishaalee qonnaa fi indaastirii ayyaanichaaf barbaachisan, jiraattota magaalattiif bal’inaan dhiyeessuuf qophii gahaan taasifamuu Obbo Xilaahuun ibsaniiru.

Gabaarratti hanqinni oomishaa kamiyyuu akka hinjirre utuu beekamuu tasgabbiin gabaa akka hinjiraanneef qaamolee hojjetanirratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.