Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Awaash Aksiyoona Birrii miiliyona 70 bitate

Finfinnee, Guraandhala 21, 2016 (FBC)- Mootummaan dhaabbilee faayinaansiif carraa bittaa aksiyoona gabaa kaappitaalaa mijeesseen Baankiin Awaash Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaarraa Aksiyoona Birrii miiliyoona 70 bituu beeksise.

Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Baankichaa Tsahaay Shifarraa akka ibsanitti, dhaabbileen faayinaansii gabaa Kaappitaalaatti carraan miseensaa aksiyoonaa akka ta’an dursi waan kennameef Baankiin isaanii bittaa aksiyoonaa gaggeessuutti dabalataan biiroo pirojektii hundeessuun hojii eegaleera.

Sirna gabaa kaappitaalaa keessatti, hundeeffamuu fi guddachuun gabaa kaappitaalaa qabeenyaa invastimantiif ooluu walitti qabuun guddina diinagdee biyyaaf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan, hamattoo imammataa invastimantiif mijataa, qabeenya uumamaa fi humna dargaggootaa qabaattus hanqinni kaappitaalaa jiraachuun guddina diinagdee biyyattiirratti dhibbaa uumaa turuu yaadachiisan.

Hoji Gaggeessaan Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa Itiyoophiyaa Dooktar Xilaahuun Ismaa’eel gama isaaniin, sirni qabeenya sanadaa guutummaatti mootummaadhaan hundaa’uu danda’a ture jedhanii, ta’us, dhaabbileen faayinaansii Itiyoophiyaa fi invastaroonni alaa akka hirmaataniif, mootummaan qooda gadaanaan akka eegalamu ta’uu ibsan.

Haaluma kanaan gabaan sanadaa Itiyoophiyaa sadarkaa dhaabbata aksiyoonaan hundeeffamee, dhaabbilee Itiyoophiyaatti argaman keessaa dhaabbileen faayinaanisi miseensaa aksiyoonaa akka ta’an dursi kennamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan Baankiin Awaash aksiyoonnni bitatee abbaa kaappitaala sanadaa ta’ee akka itti fufu kan tumsudha jedhan.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.