Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa damee haaraa hojjettoota dubartootaa qofaan tajaajilu Jimmaatti eegalchiise

Finfinnee, Caamsaa 27, 2014 (FBC) – Baankiin Daldalaa Ityoophiyaa damee haaraa hojjeettoota dubartoota qofaan tajaajilli itti kennamu Magaalaa Jimmaatti eegalchiise.
Qulqullina kenniinsa tajaajilaa fi waliin gahiinsaa isaa fooyyessuuf damee dubartoota qofaan tajaajilli itti kennamu Magaalaa Jimmaatti eegalchiisee kunis Damee Bilillee yookaan Maahibuubaan moggaaseera.
Baankicha tajaajila kan eegalchiisan Hoji Gaggeessaan Baankii Daldalaa Ityoophiyaa Distiriktii Jimmaa Obbo Malkaamuu Deessisaa, baankichi damee dubartootaan hogganamu isa lammaffaa ta’uu eeraniiru.
Dabalaataanis, dubartoota gara hooggansaatti fiduun kenniinsa tajaajilaa bu’aa qabeessa taasisuuf yaadameeti jedhaniiru.
Magaalaa Jimmaatti baankichi dameewwan 17 kan qabu yoo ta’u, dameen kun hojjettota dubartootaan baankii tajaajila kennu tokkichaadha jedhameera.
Warqaafarraawu Yaalawutu gabaase
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.