Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bara kana Birrii biiliyoona 8.08 galii argachuu beeksiise

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2013 (FBC) – Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa raawwii hojii bara 2020/2021 irratti miidiyaaleef ibsee kenneera.
Kuufamni Baankichaa barana Birrii biiliyoona 72.69 qaqqabuu fi Birrii biiliyoona 8.08 galii argachuu Preezdaantiin Baankichaa obbo Darribee Asfaaw ibsaniiru.
Kaapitaalli baankiichaa yeroo ammaa Birrii biiliyoona 8.08 qaqabuus himaniiru.
Gibiira dura birrii biiliyoona 2.39 bu’aa argachuus ibsaniiru.
Bu’aan argame kan bara darbee yeroo walfaakkaatuun yoo madaallame %38 guddina agarsiisuu dubbataniru.
Baankichi bara baajataa kana Doolaara miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 43 sharafa biyya alaa argamsisuu obbo Darribeen ibsaniru.
Qabeenyi baankichaa Birrii biiliyoona 81.84 ga’uusaa himaniiru.
Bara baajataa kanatti maamiltoota miiliyoona 1.48 horachuu fi walii galaan maamiiltoota miiliyoona 7.73 qabaachuu eeraniiru.
Bara baajataa xumuramaa jiru kanatti dameewwan 49 banuu fi walii galaan yeroo ammaa damee isaa 469 qabaachuu dubbataniiru.
Dameewwaan kanneen keessaa %77 baaddiyyaa keessatti banamuu ibsuun, kun immoo baankoota biroorraa adda isa kan taasisu ta’uu preezdaantiin Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa obbo Darribee Asfaaw himaniiru.
Daagmaawwii Deeksiisaatu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.