Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshinichi Dhaabbata Invastimanti biyya Keessaa Naashinaal waliin waliigaltee Doolaraa Miiliyoona 110 mallatteesse

Finfinnee, Caamsaa 16, 2016 (FBC) – Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Dhaabbata Invastimantii biyya keessaa Naashinaal jedhamuu waliin waliiglatee Doolaara miiliyoona 110 mallattesseera.
Waliigaltiichi Indaastrii ‘Euro Space ‘Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa kan banuu fi galteewwaan teeknooloojji keessatti hirmaanaa isaa kan guddisuu ta’u Hojii Rawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwaan Indaastirii Obbo Akliiluu Taaddasaan ibsaniiru.
Waliigaltichi Gareen Invastimanti Naashinaal Paarkii Indaastirii Qiliinxoo keessatti meeshaalee jijjiirraa qaamoolee Xiyyaaraa oomishuuf kan dandeesisuu akka ta’e eerameera.
Dhaabbatichi waayita hojiitti galu lammiilee kuma tokkof carraa hojii kan uumuu ta’uu ibsameera.
Qiddisti Abaatatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.