Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misooma Ityoophiyaa leenjii marsaa 4ffaa intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaaf kennu eegale

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa, Baankii Addunyaa waliin ta’uun leenjii marsaa 4ffaa intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaaf kennu guyyaa har’aa Galma Barkumeetti eegaleera.

Baankichi leenjicha sadarkaa biyyaalessaatti magaalotaa 57tti giddugaloota leenjii 95 fi leenjitoota kuma dhibba 1fi kuma 12 kan kennamu ta’uu ibsameera.

Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kaamiliifi Pireezidaantiin Baankii Misoomaa Ityoophiyaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu argamaniiru.

Intarpiraayizoonni xixiqqaafi giddugaleessaa leenjii akka kanaan deeggaramuun fooyya’iinsa diinagdee fiduu kan dandeessisan ta’uu aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Leenjiiwwan akka kanaa tattaaffii biyyattiin nyaataan of danda’uuf taasistu deeggaruu keessatti gaheen isaanii olaanaa ta’uu kaasuun, damee misoomaa biyyattiis ta’ee magaalichaa kan guddisu ta’uu eeraniiru.

Leenjitoonnis leenjicha haalaan akka hordofan yaadachiisaniiru.

Pireezidaantiin Baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaalawu gamasaaniin, leenjichi walta’iinsa Baankii Addunyaan kan kennamu ta’uu eeruun, marsaawwan sadan darban irra leenjitoonni hedduun leenjii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Baankichi hanga ammaatti leenjitoota kuma 33 gahoomsuun faayinaansii liiziin Birrii biiliyoona 20 ol faayidaarra oolchuu kaasaniiru.

Leenjicharratti kanaan dura carraa kan hin arganne dargaggoonni Godee, Jiinkaafi naannoo Tigraay hirmaachuun leenjicha adda kan taasisu ta’uu dubbataniiru.

Alamsaggad Asaayyeefi Salamoon Yittaayyawutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.