Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa meeshaalee Makaanaayizeeshinii qonnaaf tajaajilan maamiltootaaf dabarse

Finfinnee, Sadaasa 17, 2015 (FBC) – Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa deeggarsa maallaqaa Baankii misoomaa Jarmanirraa argateen meeshaalee Makaanaayizeeshinii qonnaaf tajaajilan maamiltootaaf Liizii Faayinaansiif dhiyeesse dabarseera.

Sirna walharkaa fuudhinsaarratti itti aanaan Pireezidaantii Misoomaa Ityoophiyaa Asfaaw Abarraa fi Finfinneetti Daayrektarri Baankii Misoomaa Jarman Diyaanaa Heediriik argamaniiru.

Meeshaaleen Makaanaayizeeshinii qonnaa kunneen guyyaan midhaan kuntaala kuma dhibba 2 ol dhahuu danda’u jedhame.

Deeggarsa maallaqaa baankicha taasiise Yuuroo miiliyoona 13 Kombaayinaaroonni 33 fi Tiraakteroonni 9 bitamuun maamiltootaaf dabarfamuu ragaan Baankii Misoomaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.