Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Raammis eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Tajaajila baankii dhalarraa bilisaa kennuuf kan hundeeffame Baankiin Raammis eebbifamuun hojii eegale.

Baankichi kaappitaalaa Birrii biiliyoona 2 oliin kan hundeeffame ta’uun eerameera.

Baankiin Raammis baankota tajaajila dhalarraa bilisaa Ityoophiyaatti argaman keessa baankii 4ffaa ta’uun eerameera.

Baankichi hojii eegaluun waliingahiinsa Indaastirii faayinaansii bal’isuun biyyattiitti diinagdee dorgomaa ta’e uumuuf ni gumaacha jedhameera.

Sirna eebbichaarratti Ministira Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, Ministira Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ittaanaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Solomoon Dastaa dabalatee abbootii amantaa, hoggantoota baankichaa akkasumas abbootiin aksiyoonaa argamaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.