Fana: At a Speed of Life!

Baatiin fayyaa haadholii sadarkaa biyyoolessaatti kabajamaa jira

Finfinnee, Amajji 1, 2012 (FBC) – Baatiin fayyaa haadholii mata duree “Haati utubaa maatii fi biyyaatii.” jedhuun sadarkaa biyyoolessaatti kabajamaa jira.

Baatichi sadarkaa biyyoolessaatti yeroo 14ffaaf bakka preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee dabalatee, hoggantootni naannolee fi qaamolee dhimmichi isaan ilaallatu argamanitti kabajamaa jira.

Preezdaant Saahilawarq Zawdeen tajaajillii fi yaalli qulqullina qabu bakkaa fi sa’aatii barbaadametti ogeessoota fayyaatin yoo laatame du’aatii haadhoolii hedduu ittisuun ni danda’ama jedhaniiru.

Kanumaan walqabsiisuun fayyaa hadholii fi daa’immanii fooyyessuu fi ittisuu keesumattuu dhukkubaa fi du’a haadholiirra ga’u ittisuuf hojiiwwan hojjetaman ilaaluun ciminaa fi hanqina isaa adda baasuun foyya’uu akka qabu himaniiru.

Baatiin fayyaa haadholii guyyoota 30f turu rakkoolee da’umsaa waliin walqabatan irratti hojiin hubannoo uumuu baldhinaan akka kennamu ragaan Ministeera Fayyaa irraa argannee ni muldhisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.