Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan kurnan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyoonni 38.3 walitti qabamu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC) Ministeerri Galiiwwanii Baatiiwwan kurnan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni dhibbi 2 fi biiliyooni 38.3 walitti qabamuu beeksisee.

Galichi kan bara darbee yeroo walfakkataan wal bira qabamee yoo ilaallaamuu %19.77 ykn Birrii biiliyoona 39.3 daballii agarsiisuu Ministirri Ministeera Galiiwwanii obbo Laaqaa Ayyaalew ibsaniiru.

Galichi kan walitti qabamee taaksii biyya keessaa, daldalaa alaa  fi taaksii akkasumas gurgurtaa lootariirraa ta’uu ibsameera.

Taaksii biyya keessaarra Birrii biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 45.5 ol daldalaa alaa fi taaksiirra Birrii  biiliyoonni 92.6, gurgurtaa lootariirra Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 93.27 ol walitti qabameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.