Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6 darbanitti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota kuma 1 fi 848 darbuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2013 (FBC) – Baatiwwan 6 darbanitti balaa Tiraafikaan lubbuun namoota kuma 1 fi 848 yoo darbu, qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 95 olitti tilmaamamu barbadaa’uu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksise.
Balaa Tiraafikaa Adooleessa 1, 2012 hanga Muddee 30, 2013tti qaqqabeen lubbuun namoota kuma 1 fi 848 darbuu fi qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 95 olitti tilmaamamu barbadaa’uu daayreektoreetiin Intalajansii yakkaa fi raaga odeeffannoo Tiraafikaa Komishinichaa ibseera.
Namoota kuma 2 fi 646 irraa balaa cimaan, namoota kuma 2 fi 565 irra ammoo balaan qaamaa salphaan qaqqabuu ibsameera.
Qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 95 fi kuma dhibba 2 fi kuma 40 olitti tilmaamamu manca’uu himameera.
Baatiwwan jahaan darbanitti magaalaa Finfinneetti qofa balaawwaan kuma 15 fi 844 qaqqabeen lubbuun namoota 192 yoo darbu, namoota 846 irra balaan qaamaa cimaan, namoota 512 balaan qaamaa salphaan qaqqabuu Komishinichi ibseera.
Ka’umsi balaa kanneenii hanqina namuusaa fi ga’umsaa konolaachiftootaa fi rakkoo teeknikaa ta’uu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.