Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan salgan darban Oomishaalee Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituuwwanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 907 ol argame

Finfinnee, Eebla 19, 2015 (FBC) – Baatiwwan salgan darban Oomishaalee Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituuwwan gabaa alaaf dhiyaatanirraa galiin Doolaarri miiliyoonni 907 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaay Ityoophiyaa beeksise.

Dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun hojiileen damee kanaan hojjetaman bu’aa gaarii argamsiisuu Abbaa Taayitichaatti Hojii Raawwachiisaan Misooma Gabaa fi Piroomooshinii Obbo Kaasahuun Galataan ibsaniiru.

Omishaaleen Bunaa , Shaayii fi Mi’eessituuwwan Tooniin 169 gabaa alaaf dhiyaachuu dubbataniiru.

Oomishaalee kunneenis Jarman, Saa’ud Arabiyaa, Ameerikaa, Keeniyaa, Ingiliiz, Chaayinaa, Hindii fi biyyoota birootti ergamuu eeraniiru.

Bara baajataa kanaas hanga ammaatti Galiin Doolaaraa miiliyoonni 907.56 argamuu Obbo Kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.