Fana: At a Speed of Life!

Baazaarii fi egzibiishiniin Intarpiraayizoota Maayikiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa Hawaasaatti baname

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC)- Baazaarii fi egzibiishiniin Intarpiraayzootaa Maayikiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa biyyaalessaa Magaalaa Hawaasaatti baname.

Baazaarii fi egzibishiin kun yeroo jalqabaaf Magaalaa Finfinneen alatti kan qophaa’edha jedhameera.

Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Nugusuu Xilaahuun, egzibiishinichi Magaalaa Finfinneen Ala Magaalaa Hawaasaatti qophaa’uun waliin gahiinsaa mirkaneessuuf, muuxannoo fi dandeetti naannolee gabbisuu, walitti hidhamiinsa naannawaa gaarii uumuuf kan kaayyeffatte ta’uu ibsaniiru.

Intarpiraayizoota maayikiroo fi xixiqqaa 224, indaastiriiwwan maanufaakchariingii giddugaleessaa fi gadaanaa 22 naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaarraa kan hirmaatan yoo ta’u, egzibiishinichi gabaa Magaalaa Hawaasaa tasgabbeessuu cinaatti bu’aa tuuriizimii akka qabaatu ibsaniiru.

Baazaarii fi egzibiishinicharratti dhaabbileen Barnoota Leenjii Teekinikaa fi Ogummaa, Paarkii Indaastirii Hawaasaa, Yuunivarsiitii Hawaasaa, Paarkii Indaastirii Qonnaa Qindaa’aa Yirgaalam, dhaabbilee faayinaansii fi kanneen biroo 28 ol hirmaataniiru.

Egzibiishinicha kutaaleen hawaasaa kuma 35 ol daawwachuun walitti hidhamiinsaa gabaa bal’aa kan uumu ta’uun ibsameera.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.