Fana: At a Speed of Life!

Baazaarii fi Igzibiishiniin ‘kan Ityoophiyaa Bitaa’ jedhu Magaalaa Finfinnee Hurufa Machareetti baname

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Baazaarii fi Igzibiishiniin mata duree ‘kan Ityoophiyaa Bitaa’ jedhuun Magaalaa Finfinnee Hurufa Machaareetti banameera.
Itti aanaan Kaantibaa Magaalaa Finfinnee obbo Zhaanxiraar Abbay Baazaarii fi Igzibiishinicha ifatti banuun hojii eegalchiisaniiru.
Baazaarii fi Igzibiishiniin kun baay’inaan oomishaalee biyyaakeessaa kan hammate ta’uu ibsameera.
Kunis diyaaspoorawwan waamicha biyyaa fudhachuun gara biyyaa dhufan tilmaamama keessa kan galche ta’uu himameera.
Miseensonni Diyaaspoorawwanii oomisha biyya isaanii bakka deemanitti akka beeksiisaniif gargaara jedhame.
Baazaarii fi Igzibiishiniin kun hanga Amajjii 16, 2014tti kan turu yoo ta’uu oomishaaleen Kalloo, uffataaleen aadaa,oomishni Qonnaa fi kanneen biroon hedduminaan dhiyaachuu AMN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.