Fana: At a Speed of Life!

Bacaqii Gannaa hoofkaltanii baga nagaadhaan Ayyaana Masqalaa geessan-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ayyaana Masqalaa ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Guutummaan erga isaanii akka ittaanutti dhiyaateera.

Ayyaanonni waktiilee itti kabajamanitti hawaasa keenyaaf hiikaafi ergaa adda addaa qabu. Hunduu yeroo isaanii eeggatanii miiira ittiin yaadataman kan ofii isaanii qabatanii dhufu.

Isaan keessaa ayyaanni masqalaa ayyaana waqtii birraa kabajamu agarsiistuu ifaafi cehumsaati.

Dachee rooba gannaan dhoqqoofte qoorsee, biiftuu hurriidhaan aguugamte saaqee riqicha ta’ee Ganna irraa Birraatti kan ceesisu, kan abaaboon itti daraaree dachee urgeessu Masqala mootii ayyaanaa baga nagaan geessan.

Ayyaanni Masqalaa ummata Oromoo biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamu, kan arjoomuu malee waakkiin itti hin waamamne ayyaana quufaafi sugaati. Ganni darbee birraan wayita bari’u lageen hir’atanii firri gamaafi gamanaa walitti dhufee gammachuufi hawwii qabu ‘Ayyaana Waggaa Ayyaantuutu arga’ jechuun ibsata.

Masqalli ummata Oromoo biratti akka mootii ayyaanota hundaatti kan ilaalamu yoo ta’u, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ammoo guyyaa itti jaalala Waaqayyo dhala namaatiif qabu itti dinqisiifatanidha.

Waaqayyo jaalala ilmaan namootaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti ergee kan wareege ta’uun guyyaa itti yaadatamuufi araarriifi dhiifamni guyyaa itti lallabamudha.

Kanaafis, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa ta’uutu barsiifama. Ummata Oromoof ayyaana masqalaa kan adda taasisu keessaa inni guddaan jal bulti ayyaana Irreechaatti kabajamuu isaati.

Bara 2014 keessa qormaatilee hedduu numudatan carraatti jijjiiruun ummanni keenya duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’uuf sirnoota kanaaf haala mijeessan labsiin mirkaneessuun yaadamni duudhaan dagaage bilchaatee tajajila lammummaatiin misooma waloo, mana murtii aadatiin haqa waloo, gaachana sirnaatiin nageenya waloo, buusaa gonofaatiin ammoo rakkoo hawaasummaa waloof furmaatni kennamaa jira.

Duudhaawwan sirnaan gurmaa’uun hojiitti galuun daandii sirrii ittiin sirna jabaa ijaarru akka ta’e hojiin waggoottan afran darban hojjetaman agarsiiftuu dha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa ummatichaa guddisuufi faayidaa naannichaa mirkaneessuufi hojiiwwan gama hundaan eegalaman karoora addaa qopheessee halkaniifi guyyaa hojii hojjechaa jiru irratti hirmaannaa, kaka’umsaafi fedhii misoomuu ummanni keenya qabu dabaluun imala badhaadhinaa biyya keenyaa dhugoomsuuf tarkaanfiiwwan misoomaa addaa addaa diriirsuun bu’aa qamatamaa galmeessuu irratti argama.

Ummanni keenya injifannoo gama hundaan arganne kunuunfachaa, abdii egeree keenya dhugoomsuuf hojjechaa aadaa waliin jiraachuu, baroota dheeraaf gabbifateen tokkummaa isaa cimsee diina biyya diiguuf ifaaje akkuma qaanessaa jiru, ayyaana kana yeroo kabajnu waan qabnu waliin qooddannee jaalala waliif qabnu agarsiisaa, kan gadde bira dhaabbannee gaachana walii ta’uu keenya agarsiisuu qabna.

Hundaa ol gootota wareegama qaalii kaffalaa walabummaa biyyaa kabachiisaa jiran yaadaan, beekumsaafi qabeenyaan deeggarsa taasisaa jirtan cimsitanii akka itti fuftan jechaa ayyaanichi kan gammachuu, jaalalaafi tokkummaan keenya daran itti cimu, kan injifannoofi milkaa’inaa akka nuuf ta’u hawwiin qabun ibsa.

Ayyaanni Ayyaana gaarii, barri bara milkiifi badhaadhinaa nuuf haata’u.

Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.