Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina biyyaatif hunduu tumsaan hojjechuu qaba – Dr. Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf hunduu tumsaan hojjechuu qaba jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad godina Silxee Istaadiyamii Waraabeetti namoota aanaalee godinichaa 10 fi bulchiinsa magaalotaa 3 irraa walitti babba’an kuma 60 ta’aniif ergaa dabarsaniiru.

Ergaa dabarsaniin badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf hunduu tumsaan hojjechuu qaba jedhaniiru.

Dooktar Abiy biyya tanaaf rakkoon hiyyummaa caalu hin jiru jedhaniiru.

Silxeen ummata hojii jaalatu, tattaaffataa badhaadhina biyyaaf hojjetu jedhaniiniru.

Ummata obbolaa kaan waliin ta’uudhan badhaadhina biyyaatif caalmadhaan hojjechuu qabaanis dhaamaniiru.

Gaaffii ummatichaa deebisuuf kan tattaaffatamu ta’uu ibsuudhan, biyya ceesisuuf tumsaan hojjechuuf waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.