Fana: At a Speed of Life!

Baha Afrikaatti weerarri hoomaa awwannisaa marsaa 3ffaaf muudate

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Baha Afrikaatti weerarri hoomaa Awwaannisaa marsaa 3ffaan muudachuu himame.

Weerarri hoomaa awwaannisaa kun weerara vaayrasii koroonaatti aanee naannichaatti rakkoo hammaataa qaqqabsiisuu akka danda’u himameera.

Weerarri kun erga bara Faranjootaa 2019 marsaa 3ffaaf muudachuu isaatu himame.

Weerarri hoomaa awwaannisaa bara kana Baha Afrikaatti muudatee, tilmaamaan guyyaan nyaata namoota kuma 35 ol tajaajilu barbadeessuu himameera.

Ityoophiyaa, Keeniyaa, Somaaliyaa, Taanzaaniyaa, Buuruundii fi Ruwaandaan biyyoota weerara kanaan daraan miidhaman ta’uu gabaasni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD) ifoomseera.

Hoomaan awwaannisaa kun guyyaa tokkotti Kiiloo Meetira 150 imaluu danda’a jedhame.

Ityoophiyaan ammoo weerara kanaan hunda caalaa miidhamuu akka dandeechuu dhaabbatichi hubachiisera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Maddi:-CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.