Fana: At a Speed of Life!

Bakkeewwan biqiltuun dhaabamanitti qaamni itti gaafatamummaa fudhatu akka jiraatu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2012 (FBC) – Bakkeewwan biqiltuun dhaabamanitti qaamni itti gaafatamummaa fudhatu akka jiraatu ibsame.

Wayita ammaa bakkeewwan ashaaraa magariisaaf biqiltuuwwan dhaabamanitti qaamni itti gaafatamummaa fudhatu jiraachuun raawwatamaa akka jiru Komishinarri Komishinii Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa Naannoo Profeesar Fiqaaduu Bayyanaa himaniiru.

Komishinarri Komishinii Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa Naannoo Profeesar Fiqaaduu turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaaniin biqiltuuwwan dhaabatan bayyeen isaanii kanneen faayida qaban ta’uu ibsaniiru.

Profeesar Fiqaaduun dursa ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra oolchuun bu’uuruma karoorfameen hojiin biqiltuu dhaabuu raawwatamaa jira jedhaniiru.

Biqiltuuwwan bara darbe dhaabatan %82 ol qabateera kan jedhan yoo ta’u, ashaaraan magariisaa bara kanaa ammoo bifa adda ta’een dhaabamaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.