Fana: At a Speed of Life!

Balaa Ibiddaa Buraayyuutti qaqqabeen qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar magaalaa Buraayyuutti Balaa Ibiddaa qaqqabeen qabeenyarra miidhaan ga’uu ibsameera.

Eda galgala naannoo Sa’aatii 3:15tti Warshaa oomisha Ispoonjii fi Pilaastikaa Buraayyuurra balaan Ibiddaa muudachuu eerameera.
Hojjettoota warshichaa 3 irra miidhaan qaamaa salphaan qaqqabuu eerameera.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jiraachuu ibsameera.

Balichi miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisiin Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Magaalaa Finfinnee hawaasa naannichaa waliin ta’uun to’achuun danda’amuu Ogeessi Hariiroo Ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.