Fana: At a Speed of Life!

Balaa lolaa tasa uummamuu danda’uuf hawaasni of eeggannoo taasisuu akka qabu ibsame

Finfinnee, Hagayya 1, 2012 (FBC) – Wayita gannaa kana laga guutuu fi balaa lolaa tasa uummamuu danda’uuf hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu Koomishniin Hoggansa Soda Balaa fi Ejansiin Meetrooloojii Biyyaalessaa hubachiisan.
 
Hoggattoonni dhaabbilee lameenii Faanaa Broodkaasting Koorpooreet waliin turtii taasisaniin, Baatii Hagayya keessaa hammii Roobaa idilee fi idilee ol ta’e cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
 
Kaaba Ityoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanitti, akkasumsa naannawaa isaaniitti Roobni cimaa ta’ee roobuu akka danda’u,Biiroon Jijjiirrama Qabeenya Qilleessaa Mootummoota Misooma Baha Afrikaa ifoomseera.
 
Ejansii Raaga Haal Qilleensaa Biyyaalessaatti Daayreektarri of eeggannoo duraa aadde Caalii Dablee, baatii Hagayyaa hammii roomaa cimaa ta’ee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
 
Haalli roobaa kun faayidaa olaanaa qabatus miidhaan geessisuu danda’u guddaa ta’uu ibsaniiru.
 
Aadde Caaliin,balaa lolaa uummamuu danda’u ittisuuf hawaasni dursee of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.
 
Roobni cimaan baatii Hagayyaa keessaa roobu balaa lolaa guddaa qaqqabsiisuu akka danda’u Koomishinii Sodaa Balaa Biyyaalessaatti dursaan garee of eeggannoo duraa obbo Nagiyyee Hayiluu ibsaniiru.
 
Hawaasni odeeffannoo haala qilleensaa hordofuun balaa qaqqaburraa of baraaruu akka qaban gaafataniiru.
 
Guyyoota sadi dura lagni Awaash guutuun naannoo Afaariitti balaa cimaa qaqqabsiisuun isaa kan yaadatyamuudha.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.