Fana: At a Speed of Life!

Balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbe

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godina Awwii aanaa Baanjaa fi Nnaannoo Ummattoota Kibbaa Godina Geedi’oo magalaa Wanaagootti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 8 darbuu ibsameera.

Naannoo Ummattoota Kibbaa Godina Geedi’oo magaalaa Wanaagootti ganama har’aa naannoo sa’aatii 12:00tti Konkolaataan Yaaballoo ka’uun gara Finfinnee imalaa ture konkolaataa faallaa isaa imalaa tureen walitti bu’uun lubbuun namoota 3 yoo darbu namoota 10 irra balaan qaamaa ga’uu ragaan Waajjira Koninikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas naannoo Amaaraa Godina Awwii aanaa Baanjatti Konkolaataa daa’immaan mana barumsaa iddoolee seenaa qabeeyyii daawwatan fe’ee imalaa turerra balaa tiraafikaa qaqqabeen lubbuun daa’immaan 4 fi barsiistuu 1 darbuu eerameera.

Daa’immaan hedduurra miidhaan qaamaa cimaa fi salphaa qaqqabuu ragaan waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.