Fana: At a Speed of Life!

Bara 2016’tti sirni barnoota haaraan manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hundatti hojiirra oola- Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) –Bara 2016’tti Sirni Barnoota Haaraan manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Cabiinsa sirna barnootaa biyyaarra gahe fayyisuuf hojiilee hedduun hojjetamuu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Bara 2015 keessa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti hojiirra kan oole sirn barnootaa haaraan bara 2016’tti manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa hunda keessatti hojiirra oolchuuf haal-dureewwan barbaachisan xumuramuu eeraniiru.

Rakkoolee maxxansa kitaabileen walqabatan furuuf mootummaa waliin xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Qormaata teeknooloojiin deeggarame laachuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamu ta’uu eeruu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’sa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.