Fana: At a Speed of Life!

Bara kana misooma qamadii boneetiin lafa hektaara miiliyoona 2.78 uwwisuu dandeenyerra-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2016 (FBC)-Bara kana misooma qamadii boneetiin lafa hektaara miiliyoona 2.78 uwwisuu dandeenyerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Shallaggii jalqabaa, karoora uwwisa lafaa kanaan duraa irratti hundaa’uun omiiisha qamadii kuntaala miiliyoona 105.8 akka argamu tilmaamamus, amma ga’uumsa oyiruun jiruun karoora kana akka darbinu ifa ta’eera jedhan.

Uwwisni kun jedhan Pireezidaanti Shimallis, adeemsa waggoota shanii keessatti qofa kan bira gahame ta’uu fi baddaafi gammoojjii osoo hinjedhin gola Oromiyaa hundatti babal’dhachaa dhufuun isaa, tarkaanfiin addaa misooma qamadii bonee keenya milkaa’aa jiraachuu kan argisiisu ta’uu himaniiru.

Hundaa ol ammoo, naannawaan misooma qamadii labsii inisheetivii bonee booda yeroo duraatiif itti seenan, sadarkaa teknoolojii olaanaa jiru irraa jalqabuun isaanii jajjabeessaa ta’uu ibsan.

Wanti hubatamuu qabu garuu, sadarkaan amma irra geenye kun, haala waggoota shan dura ture waliin yeroo madaalamu qofa akka milkaa’inaatti ilaalama jedhan

Dilbiifi ga’uumsa akka naannootti qabnuun walbiratti yoo ilaalamu, hiree milkaa’udhaaf qabnu yoo agarsiise malee, mataa isaatiin milkaa’ina miti jedhanii, gama uwwisa lafaa, itti fayyadama teknoolojii, dhiyeessii callaa guddistuu, tajaajila ekisteenshinii, oomishtummaa fi kanneen biiroon hedduu kan nuhafu ta’uu hubannee xiyyeeffannan hojjechuu akka qabnu hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.