Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa 2013/14 akka naannoo Oromiyaatti Callaan Kuntaalli miiliyoonni 195 ol ni eegamaa jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2014 (FBC) – Jilli Muummee Ministeeraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu aanaalee Godina Arsii lama keessatti Oomisha qamadii kilaasteraan misoomaa jiru daawwateera.
Bara kana oomisha walii galaa keessaa dhibbeentaan 74 ol kilaasteraan kan misoome ta’uu Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan himaniiru.
Daawwannicha irrattis Preezdaantoonni Naannolee 9 fi Kantiibaawwan bulchiinsa magaalaa lameenii argamaniiru.
Bara kana akka naannoo Oromiyaatti lafa kana dura hin misoomne gara oomishaatti galchuun bu’aa gaariin argameera jedhame.
Jiraattoonni naannoo Sulula Qiinxamaa deeggersa seeftineetiin jiraataa ture amma garuu gara oomishaatti erga seenanii ofirra darbuun gabaa biyyaalessaaf Qamadii dhiheessaa jiraachuu Qonnaan bultoonni godinichaa ibsabiiru.
Hektaara 1 irraas callaa kuntaala 70 hanga 80 argataa jiraachuu qonnaan bultoonni kunneen himaniiru.
Bara oomishaa 2013/14 akka naannoo Oromiyaatti Callaan Kuntaalli miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 95 ol kan eegamu ta’uu ibsameera.
Yaaddessaa Geetachowitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.