Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa kana lafti osoo hin misoomin lafa ba’u hin jiraatu – MM FDRI Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 5, 2012 (FBC) – Bara oomisha kanatti lafti osoo hin misoomin lafa ba’u tokkollee hin jiraatu jedhan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Miidhaa Weerara COVID -19 fi hoomaa awwaannisaan wabii midhaan nyaatarra ga’u ilaalchisee mariin gaggeeffameera.
 
Ganna dhufutti sababa rakkoolee lameeniin namoota miiliyoona 15 deeggarsi dabalataa barbaachisuu akka danda’u ibsameera.
 
Oomishnis hir’achuu akka danda’u himameera.
 
Hanqina oomishaa muul’atu bakka buusuuf naannooleen lafa misoomuu danda’u kamiiyuu gaaffii abbaa qabeenyummaallee yoo qabaate akka misoomu gochuu danda’u qabu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
 
Namoonni lafa qabatanii jiran lafa isaanii akka misoomsan taasisuudha kan jedhan Muummeen Ministiraa, kan hin misoomsine ariitiin akka misoomsan taasisuun dirqama jedhaniiru.
 
Bara oomisha kanatti oomisha idileen eeggamu dabalataan oomishaalee gurguddoorratti callaa kuntaalaa miiliyaan 40 oomishuuf karoorfamuu ibsameera.
 
Oomishaa Abaaboo dabalatee oomishalee kuduraa fi muduraatti dabalataan oomisha kuntaala miiliyoona 50 oomishuuf karoorfamuu marii kanarratti ka’eera.
 
Rakkoolee bara kana nu qunnamu kamiiyyuu hambisuuf diina ajjeesuu, of baraaruu, biyyaa fi ummata oolchuun dhaadannoo bara kanaa ta’uu ibsaniiru.
 
Alaazaar Taaddalaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.