Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa kanatti Atarri Akuurii kuntaalli miiliyoonni 5 argame

Finfinnee, Amajjii 30, 2015 (FBC)- Bara oomishaa 2014/15 lafaa hektaara kuma 340 uwwifamerraa oomisha kuntaalli miiliyoonni 5 argamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Waltajjiin marii misoomaa fi gabaa biyyaalessaa oomisha Atara Akuurii Magaalaa Goondaritti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Mallas Mokonnin akka jedhanitti, galtee indaastirii biyyattiif kan oolu oomisha Atara Akuurii gahaatti oomishuuf haalli qilleensaa mijataan jiraachuu himaniiru.

Naannoleen Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuz, Kibbii fi Gaambeellaan misooma oomishichaaf haala mijataa qabaachuu kaasaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaattis lafa hektaara kuma 340 oomisha Atara Akuuriin misoomerraa oomishichi kuntaalli miiliyoonni 5 argamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.