Fana: At a Speed of Life!

Barana eebbifamtoonni kuma 240 ta’an qormaata ba’iinsaa fudhatu

Finfinnee, Caamsaa 15, 2015 (FBC)- Barana eebbifamtoota dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaa fi dhuunfaa kuma 240 ta’aniif marsariitiin qormaata kennuuf qophii xumuruu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Bara 2015 sagantaa digirii jalqabaan kanneen eebbifamaniif qormaanni (”Blue Print”) akka qophaa’eef eeruun, wixineen qajeelfama tilmaamaa kaffaltii qormaata ba’iinsaa qophaa’uu Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan gabaasa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniin ibsaniiru.

Qajeelfamni hojiirra oolmaa qormaata ba’iinsaa qophaa’ee gara hojiitti seenamuu ibsanii, qajeelfamni tarsiimoo qormaatichaa fi sagantaa hojiirra oolmaaf qophiin xumuramuu himaniiru.

Koorsiiwwan qormaanni ba’iinsaa irratti kennamu adda ba’uun, dameewwan barnootaa hundaatti qormaata eebbaan dura kennamaniif qormaanni moodelaa qophaa’uu himuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.