Fana: At a Speed of Life!

Barana guddinni diinagdee %7.9 kan eegamuudha-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 28, 2016 (FBC)- Barana guddinni diinagdee %7.9 kan eegamu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Dooktar Abiy Ahimd damee diinagdeerratti ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’ota Ummataaf kennaniin jijjiiraman booda injifannoowwan mootummaan galmeesse keessa tokko ejjennoo idaarratti qabuun ta’uu ibsanii, waggoottan shanan darbaan liqii daldalaa kan hinliqeeffanne ta’uu ibsaniiru.

Bara 2011-2015 Itiyoophiyaan idaa alaa Doolaara Biiliyoona 9.9 kaffaluus ibsaniiru.

Waggoota shaniin dura liqiin Itiyoophiya %32 Omishaa Waliigalaa akka ture eeruun, kanas %17’tti gadi buusuun akka danda’ame kaasan.

Waggoottan muraasa dhufanitti idaa kana %10 gaditti hir’isuuf karoorfamuu akeekan.

Kaffaltii boondii yuuroo kafaluu hindandeenye jedhamuun kan ololamaa jirus dhugaa qabatamaa akka hinataane hubachiisan.

Baatiiwwan ja’an darban biyya keessatti liqiin Birrii biiliyoona 170 kennamuu fi kana keessaa %83 damee dhuunfaaf kennamuu kaasaniiru.

Hammi kuufama mallaaqaa Baankota Birrii tiriiliyoona 1.2 akka ga’e ibsanii, kunis cabiinsa damichaa kan hambisedha jedhan.

Itiyoophiyaan biyyoota addunyaa guddina saffisaa galmeessaa jiran keessa tokko ta’uu kan kaasan Ministirri Muummee Dooktar Abiy, barana guddina %7.9 akka eegamus dubbataniiru.

Keessumaa damee qonnaan hojiilee bu’aa qabeessa ta’an gaggeefamuu fi riifoormiiwwan imaammata maallaqaa fi fiiskaalaa irratti taasifame jijjiirama olaanaa akka galmeessu dubbataniiru.

Kana malees baatiiwwn ja’an darban galiin biyyaa keessa Birrii biiliyoona 265 walitti qabamuu ibsanii, raawwiin kunis karoora qabame %98 raawwatamuu ibsaniiru.

Galiin kun oomisha waliigalaa biyyaa keessan yoo ilaalamus gadaanaa ta’uu himuun, fuudurattis sirna galii walitti qabuu ammayyeesuun galii fooyya’aa walitti qabuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.

Gama biraatiin, invastimantii alaa Doolaara biilyoona 1.5 ol hawwachuun akka danda’ame eeraniiru.

Lammiilee kuma 150 ta’aniifis carraan hojii alaa akka mijate fi baatiiwwan ja’an darbanitti lammiilee miiliyoona 1 oliif carraan hojii akka uumame himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.