Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni kumni 675 ol qormaata Naannoo kutaa 8ffaa ni fudhatu-BBO

Finfinnee, Bitootessa 20, 2016 (FBC) – Oromiyaatti bara barnootaa kana barattoonni kumni 675 fi 900 ol qormaata naannoo kutaa 8ffaa kan fudhatan ta’uu Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksise.

Cabiinsa barnootaa sirreessuuf xiyyeeffannoo mootummaan damee barnootaaf kenneen gumiin tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa hundaa’ee qulqullinaa barnootaa mirkaneessuuf hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu ibseera.

Naannichatti barattoonni kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa qormaata moodeelaa gumii tiraansiformeeshinii barnootaa Oromiyaan qophaa’e akka fudhatan taasifamuu ibseera.

Qormaatichaanis sadarkaa gahumsa isaanii kan ittii madaalanii ta’uu eerameera.

Barana naannichatti barattoota kuma 675 fi 905 qoramaata naannoo kutaa 8ffaa qoruuf karoorfamee qophiin duraa hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Hogganaa Itti Aanaatti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa himaniiru.

Barattoonnis walitti dhufeenya yeroofi barnootaa dursanii hubachuun seeraan dubbisuun qormaataf qophaa’uu akka qaba dhaamaniiru.

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa Baatii Caamsaa dhufuu keessa kan kennamu ta’uu Obbo Efreem eeruu OBN gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.