Fana: At a Speed of Life!

Barattoonniifi Barsiisonni mana barumsichaa lammiilee aanaa Shaallaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa mosee kuntaala 131 taasisan

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014(FBC)- Barattoonniifi Barsiisonni Mana Barumsaa Qophaa’inaa Magaalaa Shaashamannee lammiilee Godina Arsii Lixaa aanaa Shaallaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa mosee kuntaala 131 taasisan.

Deeggarsichi abbootii warraa kuma 1 fi 310’f taasifamuu ibsameera.

Barattoonni mana barumsichaa maallaqa aanicha iddoowwan garaagaraarraa walitti qabaniin moseen bituun deeggarsa taasisuu eerameera.

Aanicha gandoota 39 keessatti lammiileen kuma dhibba 1 ol hanqina midhaan nyaataaf saaxilamuu hogganaan Waajjira Buusaa Gonofaa  aanichaa obbo Mahaammadamiin Maamiyyoo ibsaniiru.

Godina Arsii Lixaatti lammiilee rakkoof saaxilaman kuma dhibba 5 fi kuma 18 keessaa deeggarsa lammiilee kuma dhibba 2 fi kuma 56’f dhyaachaa jiraachuu Waajjirri Buusaa Gonofaa godinichaa ibseera.

Ta’us deeggarsi taasifamu walitti fufiinsa kan hin qabne ta’uu jiraattonni ragaa ba’aniiru.

Aanaalee 6 hongeef saaxilaman keessatti lafti heektaarri kumni 39 torban lama keessatti sanyiin faca’uu gaafata.

Hogganaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dooktar Abdullaahii Beekaan, qonnaan bultoota rakkoo qonna kontiraataan rakkoon irra ga’e sanyii akka argataniif hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Haa ta’u malee sanyiin boqqolloo haalaan barbaadamu kuntaala kuma 1 fi 300 ol argachuun akka hin danda’amne dubbataniiru.

Qonnaan bulaan yoo amma qotuu baate hanqinni midhaan nyaataa kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.

Bara darbe godinichatti lammiileen kumni dhibbi 4 ol hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii turuu gabaafamuun ni yaadatama.

Jamaal Kadirootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.