Fana: At a Speed of Life!

Barattoota bu’uuraa humna galaanarraa waliin haala yeroorratti mariin taasifame

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Barattoota bu’uuraa humna galaanarraa magaalaa Baahir Daar kaampii Makood jiran waliin haala yeroorratti mariin taasifamuusaa ibsameera.

Itti aanaan humna galaanarraa FDRI loojistiks Koomodoor Waaletsaa Waachaa, dhaabbatichi barattoota barumsaa fi leenjiidhaan gahumsa qaban akkasumas humna galaanarraa Proofeeshinaala ta’e  horachuu fi dandeetti damichaa guddisuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Humni galaanarraa waggoota darbaniif riifoormii dhaabbataa taasisaa kan ture ta’uu fi bara baajata haaraatti hojii humna nama baratee oomishuu eegale cimee kan itti fufuusaa ibsaniiru.

Ityoophiyaan dhaabbata humna galaanarraan cimaa ta’e akka qabaattuuf miseensota dhaabbatichaaf leenjii barnootaa fi loltummaa kennaa jiraachuus  Koomodoor Waaletsaan himaniiru.

Yaalii haleellaa karaa galaanaa Ityoophiyaa mudachuu danda’u kan qolatu humna galaanaa cimaa ijaaruudhaan bu’aa qabatamaan muldhachaa jiraachuus ibsaniiru.

Raayyaan Ittisaa biyyaa leenjifattoota humna galaanarraa karaa bu’aa qabeessa ta’een leenjisee eebbisiisuun loltoota biyyattiif humna dabalataa kan uumu ta’uu akka amanan ragaan fuula miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI irraa argame ni mul’sa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.