Fana: At a Speed of Life!

Barattootni kutaa 8ffaa qabxii gaarii galmeessisuuf qalbiin akka qoraman Biiroon Barnoota Oromiyaa hubachiuse

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Qormaata Kutaa 8ffaa Waxabajjii 27 kannamuu eegaluun, barattootni qabxii gaarii galmeessisuuf qalbiin akka qoraman Biiroon Barnoota Oromiyaa hubachiuseera.

Sadarkaa hogganaa biirichaatti gorsaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa FBC’tti akka himanitti, qormaata kutaa 8ffaa bara kanaa fudhachuuf barattoonni kumni dhibbi 4 fi kumni 50 fi 235 galmaa’uu eeraniiru.

Manneen barnootaa kumni 9 fi 374 barattoota kanneen qoruuf qophii xumuruu Obbo Efireem kaasaniiru.

Barattootni dandeetti ofiisaanitiin hojjechuuf amanamummaam qoramuu akka qabanii fi milkaa’ina qormaatichaafis qooda fudhatootni hunduu gaheessanii bahachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Raggaasaa Firoomsaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.