Fana: At a Speed of Life!

Barbaachisummaa riifoormii ADWUI fi hundeeffama Paartii Badhaadhinaarratti mari’atame

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii barbaachisummaa riifoormii ADWUI fi hundeeffama Paartii Badhaadhinaarratti xiyyeeffachuun magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurame.

Waltajjii guyyootii sadiif gaggeeffamerrattii hojjettoonni biiroolee miseensa paartii ta’an, hirmaachaa turaniiru.

Marichi magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamaa tureera.

Xumura waltajjichaarratti itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hogganaan paartii giddugaleessaa obbo Fiqaaduu Tasammaan argamaniiru.

Marii kanarratti miseensonni 2,000 ol ta’an hirmaachuu Biiroon Dhimmoota Koominikeeshhiinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.

Waltajjichaan kallattiin hojii gara fuula duraa kaa’ameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.