Fana: At a Speed of Life!

Barnoota idilee bara 2012 keessa osoo hin laattamanii hafan bakka buusuuf hojjetamaa jira

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaan booda dhaabbileen barnoota olaanaa sagantaa barnootaa kan eegalan kutaa garaagaraatti qooduun ta’uu Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo beeksise.
 
Ministirri Ministeera Dhaabbilee barnoota olaanaa Proofeesar Hiruut Waldamaariyaam barnoota idilee bara 2012 sababa weerara vaayrasii koroonaan adda cite ture bara 2013 keessa bakka buusuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Sagantaan kenniinsa barnootaa hanga simannaatti jiru qophaa’uu himaniiru.
 
Sagantaan kenniinsa barnootaa torbee guutuu halkan dabalatee kan laattamu ta’uu ibsuun, barattoonni waggaa 4ffaaf isaa ol jiranii fi eebbifamtoonni dursanii galuun kallattiin kan baratan ta’a jedhan.
 
Gama biroon kanneen dursanii galan sagantaa isaanii akka xumuraniin baratoonni waggaa 3ffaa fi sanaa gadii bifuma walfakkaatuun kan eegalan ta’a jedhan.
 
Proofeesar Hiruut Waldamaariyaam barnoonni dhaabbilee olaanoo kallattiin kennamu kun hojiirra kan oolu, weerarri vaayrasii koroonaa hir’isuu isaa Ministeerri Fayyaa fi qaamni dhimmi ilaallatu yoo mirkaneesse qofa jedhan.
 
Sagantaa barnootaa kallattii si’oominaan eeggamaa jiru kana eegaluu fi gara jireenya isa duraatti deebisuuf weerara vaayrasii koroonaa ittisuurratti qaamni hundi dagannaa malee ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessabniiru.
Muhaammad Aliitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.